Fana: At a Speed of Life!

Instiitiyuutichi  appilikeeshinnii saaxilamummaa balaa sababa jijjiirama qilleensaan mudachuu danda’an  hir’isuuf gargaaruu ifoomse

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Instiitiyuutiin Qorannoo Qilleensaa Ityoophiyaa  appilikeeshinnii ASIS jedhamu kan saaxilamummaa balaa sababa jijjiirama qilleensaan mudachuu danda’an  hir’isuuf gargaaruu  ifoomsuun hojiirra oolchuu Ittaanaan Hojii Raawwachisaa Inistiitiyuutichaa DooktarDiribaa Galataa ibsaniiru.

Appilikeeshinicha kan kanaan duraarraa addaa kan taasisu hongee fi beela mudachuu danda’an akaakuu fi iddoo itti uumaman siritti addaa baasuun dursee oddeeffannoo kennuu danda’uu isaa ta’uu Dooktar Diribaan himaniiru.

Appilikeeshinichi sirritti hojiirraa yoo oole  balaa yeroo waqtii qonnaatti mudachuu danda’an dursee beeksisuun of eeggannoon akka taasifamuu gochuuf gahee olaana qabaachuu eeraniiru.

Appilikeeshiniin akka kanaa faayidaa guddaa waan qabaniif gara fuula duratti qaamolee garaagaraa waliin irratti hojjetamuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Obbo Wondalee Habtaamuu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.