Fana: At a Speed of Life!

Irreechi duudhaa isaan akka kabajamu Bulchiinsi magaalichaa qophii taasisaa jira-BATF

Finfinnee, Fulbaana 18, 2015 (FBC) – Irreechi duudhaa isaa eeggatee bifa hawwataan akka kabajamu Bulchiinsi Magaalaa Finfnnee qophii barbaachisaa taasisaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Magaalichaa ibse.

Ayyaanni irreechaas sagantaalee garaagraan har’arraa eegalee kabajamaa jiraachuun eerameera.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Finfinee Dooktar Hiruut Kaasaa ibsa kennaniin, ayyaanichi duudhaa isaa eeggatee nagaa fi bifa hawwataan akka kabajamuuf Bulchiinsi Magaalichaa qophii ba’aa taasisuu dubbatan.

Aanaa Kutaalee Magaalaa Finfinneetti mariin paanaalii akka gaggeeffame, ayyaanicha kabajuuf wantoonni barbaachisan haala salphaan hawaasaaf akka dhiyaatuuf baazaariin banamuu himan.

Guyyaa boriis mariin paanaalii sadarkaa kutaa magaalaa hundatti kan gaggeeffamu ta’uu beeksisaniiru.

Irreechi tuuriizimii biyya keessaa babal’isuuf carraa bakka bu’iinsa hinqabne ta’uu Dooktar Hiruut eeraniiru.

Keessummoota gara magaalatti dhufan simachuuf ulaawwan magaalatti shananitti qophiin taasifamuu ibsaniiru.

Ayyaana irreechaa faayidaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa olaanaa akka qabu kaasanii, jiraattonni magaalattis bu’uura aadaa keessummaa simachuutiin, ayyaana fakkeenya nageenyaa, jaalalaa fi tokkummaa kana akka kabajan gaafachuu ragaan Waajiira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Irreechi ‘UNESCO’tti kan galmaa’e waan ta’eef, duudhaa isaa eeggatee miidhaginaan ni kabajamas jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.