Fana: At a Speed of Life!

Irreechi ijaarsa tokkummaa biyyaalessaa fi waliin jireenyaaf hambaa gahee olaanaa qabuudha-TKM

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015 (FBC)- Irreechi ijaarsa tokkummaa biyyaalessaa fi waliin jireenyaaf hambaa gahee olaanaa qabu ta’uun duudhaa aadaa isaa eeggatee dhalootatti akka darbuuf hundu gahee isaa bahachuu qaba jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Ayyaanaa Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Tajaajilichi ergaa isaan Irreechi galata qofaa utuu hintaane, ayyaana tokkummaa, obbolummaa, araaraa fi nageenyaa ta’uu eereera.

Ayyaanni Irreechaa ga’uun duras kan walitti mufate araaramee, haaloo bahannaa dagatee guyyaa Irreechaatti uumaa isaa galateeffataa, maatii fi firoottaan isaa waliin kan kabajuudha.

Sirni kabaja aadaa fi duudhaa irreechaa kunis obbolummaan biyyaalessummaa akka cimu, waliin jireenyi fi nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf gahee olaanaa kan bahatuudha.

Irreechi galateeffannaarraa darbee tokkummaa kan jabeessu qabeenyaa biyyaalessaatis jedheera.

Guyyaa Irreechaattis godinaalee Naannoo Oromiyaa garaagaraarraa kan dhufanitti dabalataan sabaafi sabalammoota biroo waliin ijoolleen biyya tokkoo walitti dhufuun tokkummaa fi jaalalaan ayyaana miidhaaganii itti mul’atan ta’uu ibseera.

Irreechi miiliyoonotaan kan kabajamu yoo ta’u hirmaattonni ayyaanichaas uffannaa aadaan miidhaganii kan kabajan qabeenya tuuriizimii olaanaa ta’uu ibseera.

Ililii birraa fi coqorsa qabachuun abbootiin gadaa fi haadholiin siinqee “Mareewoo” jechaa qooqa bareedaan faarsaa, dargaggoonni sirbaa fi dhiichisa aadaa kan argisiisan ta’uun, tuuristoota biyya alaa fi keessaa hawwachuun faayidaa diinagdee biyyaaf gahee olaanaa kan qabuudha.

Aadaan miidhagaan Ayyaanni Irreechaa biyyarra darbee qabeenyaa addunyaa waan ta’eef, madda tuuriizimii ta’ee akka tajaajiluuf duudhaa isaa eeguun kabajuu barbaachisas jedheera.

Duudhaan aadichaa utuu hinboorofne akka itti fufuuf, ummanni hunduu duudhaa aadichaa utuu hingadhiisne jaalalaan, nageenyaa fi tokkummaan akka kabajan waamichaa dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.