Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Jibutiin odeeffannoo Immigireeshinii waljijjiiruu fi tumsa to’annoo daangaa qaban guddisuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaa fi Jibutiin odeeffannoo Immigireeshinii waljijjiiruu fi tumsa to’annoo daangaa qaban caalmaatti guddisuuf waliigalaniiru.
Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Itiyoophiyaa Salamaawiit Daawwitii fi Ministirri Ministeera biyya keessaa Jibuutii Saayid Nuuhi Hasan waliin haala odeeffannoo Immigireeshinii waljijjiiruu fi tumsa to’annoo daangaa qaban guddisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Qaamoleen lameen Lammiilee sanada malee Jibutiitti argaman, odeeffannoo Immigireeshinii waljijjiiruu, to’annoo Daangaa, Tajaajila Lammummaa fi dhimmoota biroorratti mari’achuu isaanii ibsameera.
Dhimmoota kanneenirratti tumsa qaban caalmaatti cimsuuf waliigaluu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.