Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaan waliigaltee walta’iinsaa mallatteessan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Taanzaaniyaan waliigaltee walta’iinsaa damee qonnaa, humna, daldalaa fi aadaa mallatteessuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasumma isaaniin, wayita gaddaatti Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuh simannaa ho’aa taasisaniif galateeffataniiru.

Maqaa ummataa Itiyoophiyaanis du’aan boqochuu Pireezidaantii Duraanii Biyyattii Alii Hasan Muwiiniyin gaddaa isaanitti dhaga’ame ibsaniiru.

Kana malees mariin gamlamee har’a taasisan hariiroo cimaa biyyoota lamaan gidduuf seena qabeessaa kan argisiisu ture jedhaniiru.

Waliigalteen sanada damee qonnaa, humnaa, daldalaa fi aadaan mallatteessanis hojiilee misoomaa itti fufee fi walsimataaf bu’uuraa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.