Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif filatamtuu taateetti-Amb. Silashii Baqqalaa

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)-Itiyoophiyaan daldalaa fi invastimantiif filatamtuu ta’uu Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophyaa Silashii Baqqalaan ibsan.

Ameerikaatti Fooramiin invastimantii fi bizinasii Itiyoo–Ameerikaa gaggeeffameera.

Akkasumas Itiyoophiyaanonni 150 ta’anii fi abbootiin qabeenyaa Ameerikaa fooramichaarratti hirmaataniiru.

Waltajjichi carraalee invastimantii Itiyoophiyaa akkasumaas haala qabeenyaa qilleensaa irratti mari’achuuf carraa kan uumu ta’uun ibsameera.

Abbootii qabeenyaafis waltajjii hariiroo uumuu akka ta’e Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bakka filatamtuu Daldalaa fi invastimantii ta’uu kan eeran Ambaasaaddar Silashiin, Afrikaarraa invastimatii alaan sadarkaa 5ffaarratti akka argamtu dubbataniiru.

Dhaabbilee akka guugil, meettaa, daataabiriiksii fi Pilaantar waliin shaarikummaa teeknoolojii dhiyeenya taasifaman naannawaa daldalaa hawataa ta’ii kan akeekuudha jedhan.

Dameewwan Aviyeeshinii, ICT, Hubannoo Namtolechee (AI) fi misooma qabeenya humna namaan, oomisha huccuuwwanii, albuudaa, faayinaansii fi teeleekoomiin guddina jajjabeessaan galmaa’an invastimantii alaaf bakka filatamtuu adda duree taasisa jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.