Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan hamma oomishaalee gabaa Chaayinaaf dhiyeessituu dabaluuf hojjechaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan hamma beeyladootaa fi oomishaalee qonnaa gara gabaa Chaayinaatti dhiyeessitu dabaluuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Miseensota Koree Walta’iinsa fi Michummaa Itiyoo-Chaayinaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ambaasaaddar Misgaanuun, hariiroowwan turan cimsuu dabalatee, dameewwan daldalaa fi invastimantiin walta’iinsa jiruuf xiyyeeffannaa kennuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan hamma oomishaalee qonnaa fi maanufakchariingii gabaa Chaayinaaf dhiyeessituu guddisuuf fedhii qabaachuu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Jilli Chaayinaa maricharratti akka ibsanitti, beeyladootaa fi oomishaalee qonnaa Itiyoophiyaa gabaa Chaayinaatti beeksisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.