Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaanonni biyya jiraatanitti Ambaasaaddara biyya isaaniiti-Pir. Saahilawarqi Zawudee

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaanonni biyya jiraatanitti Ambaasaddara biyya isaaniiti jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen, Itiyoophiyaanota jiraattota Giriik waliin dhimmoota biyyaalessaa garaagaraarratti mari’ataniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi, waltajjicharratti ergaa dabarsaniin Itiyoophiyaanonni biyya jiraatanitti Ambaasaaddara biyya isaanii ta’uu eeruun, biyya isaaniif garaagarummaa tokko malee falmuufii akka qaban dhaaman.

Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraataniif tajaajila qonsilaa kennuuf hanga danda’ametti tattaaffiin kan taasifamu ta’uu kan kaasan Pireezidaanti Saahilawarqi, lammiilee naannawaasaanii Embaasiin hinjirre jiraatan Embaasiiwwan dhiyeenyatti argamaniin tajaajilaa kennuuf xiyyeeffannan kan hojjetan ta’uu akeekaniiru.

Roomitti Ambaasaddarri Itiyoophiyaa Dammituu Hambisaan gama isaaniin Misiyoonni Room tajaajila barbaachisaa Itiyoophiyaanota Girikiin jiraataniin ga’uuf yeroo yeroon Ateensitti argamuun tajaajilli qonsilaa kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan adeemsi Qonsila Kabajaa Itiyoophiyaa Girikitti muuduu xumuramuu himanii, dhiyeenyattis hojii kan eegalu ta’uu ibsuu ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.