Fana: At a Speed of Life!

Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Interpiraayizoota Oomishaa Magaalaa Finfinneetti argaman daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 24, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Liisaa Roosan Interpiraayizoota Oomishaa Magaalaa Finfinneetti argaman daawwataniiru.
Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal, Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Liisaa Roosanii fi Hoggantoonni Mootummaa Federaalaa biroon hojiilee Interpiraayizoota xixiqqaa fi giddugalee Baankii Addunyaan deeggaraman daawwataniiru.
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu damichi xiyyeeffannoo akka argatu shoora olaanaa bahachuu Obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Rakkoo Kaappitaalaa, Iddoo Hojii fi Walitti Hidhamiinsa Gabaa ture furuun Indaastiriiwwan cufamanii turan gara hojiitti akka daabi’an, lammiileen carraa hojii akka argatanii fi Indaastiriiwwna haaraan damichaan hojii akka eegalan gumaacha olaanaa taasiisuu himaniiru.
Itti Aanaan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Liisaa Roosan gama isaaniin hojiileen damichaan hojjetaman jajjabeessaa ta’uu dubbataniiru.
Baankiin Addunyaa Indaastiriiwwan Oomishaa xixiqaa fi Giddugaleesaa deeggaruuf mootummaa Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.