Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom baatiwwan jahatti galii Birrii biiliyoona 28 ol argachuu beeksise

Finfinnee, Amaajjii 23, 2014 (FBC)- Ityoo Teeleekoom baatiwwan jahatti galii Birrii biiliyoona 28 ol argachuu beeksiseera.

Hoji raawwachiistu olaantuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireeyiwot Taammiiru, raawwii hojii dhaabbatichaa baatiwwan jaha ilaalchisee gaazixeessitootaf ibsa laataniiru.

Ibsichaanis baatiwwan jahan darbanitti galii Birrii biiliyoona 28 ol argachuu himaniru.

Raawwiin hojiichaas %n86.4 ta’u ibsaniiru.

Sababni raawwichi gadi bu’eef kutaa kaabaa biyyattitti walitti bu’iinsa muudateef Ityoo Teeleekoom iddoowwan tajaajila laachaa ture kuma 8 ol keessaa kumni 3 fi 300 ol kan ta’aan tajaajilaa adda kutuu ibsichaan himaniiru.
Keessayu naannoo Amaaraa fi Affaariitti guutuumma guutuun tajaajila laachaa kan hin turree fi naannoo Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti tajaajillii addaan cituun akka yaadameetti galmaan ga’uu hin danda’amnee jedhaniiru.
Raawwii baatiwwan jaha keessaa oomishaalee 42 fi tajaajiloonni hojiirra oolaa akka turan ibsun tajaajilloonni haaraan 23 hojiirra ooluu aadde Fireeyihwot himaniiru.
Kanneen keessaas tajaajilli 4G, kuufama Birrii 1 fi Teelee Birr kanneen eerramaan ta’uu himaniiru.
Kiddist Tesfaayeetu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.