Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teeleekoom bara 2013 lakkoofsi maamiltootasaa miiliyoona 56.2’n qaqqabuu ibse

Finfinnee, Adooleessa 6, 2013 (FBC)- Ityoo Teeleekoom bara 2013 lakkoofsi maamiltootasaa miiliyoona 56.2’n qaqqabuu ibseera.

Ityoo Teeleekoom gabaasa raawwii hojii bara baajata 2013 dhiyeessaa jira.

Hoji raawwachiiftuun Ityoo Teeleekoom aadde Fireehyiwoot Taammiiruu gabaasichaan akka ibsanitti, karoora bara baajata qabameetti lakkoofsaa maamiltootaa dabaluu %108 raawwachuun danda’ameera jedhan.

Kan bara  darbee wal bira qabamee yoo ilaallamuu %22 caalmaa qaba jedhameera.

Dabalataanis bara baajata 2013tti galiin Birrii biiliyoonni 56.5 argamuu ibsuun, kunis karooraa %101.7 galmaan ga’uun danda’ameera jedhan.

Bara baajitichaatti Birrii biiliyoonni 70. 8 kaffaltiin kan raawwatamee ta’u ibsuun, kanneen keessaa qooda olaanaa kan qabatuu Birriin biiliyoonni 26.6 kaffaltoota gibiraa fi Birrii biiliyoonni 29.6 ammoo babaldhinaa garagaraaf kan namoonni kaffalaan ta’uu himaniiru.

Lakkoofsi maamiltoota itti fayyadamtoota teelee Birriis miiliyoona 6.5 qaqqabeera jedhan.

Zamaan Bayyantuu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.