Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa damee geejjiba Baaburaan Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf karoorfamuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 29, 2012 (FBC) –Karoora misooma waggaa 10 kessaatti Ityoophiyaa damee geejiba Baaburaan Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf karoorfamuu ibsame.
 
Dhaabbileen waamamtoota Ministeera Geejjibaa, karoora misooma waggaa 10 dhiyeessuun irratti mari’atamaa jira.
 
Abbaan Taayitaa Dhimmoota Maariitaymii,Abbaan Taayitaa Geejibaa Federaalaa fi Waldaan Aksiiyoonii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii karoora misoomaa waggaa 10 dhiyeessaniiru.
 
Buufata gogaa misoomsuun damee dhuunfaa biyyaa keessaa qofaaf osoo hin taane, abbootii qabeenyaa biyyaa alaatifis banaa ta’uu himaniiru.
 
Waggoota kurnan kana keessatti sirna Loojastiksii ammayyeessuun raawwiin loojastiksii idil-adduunyaa sadarka 126ffaa amma irra jiru irraa gara sadarkaa 40ffaatti ol guddisuuf karoorfamuu ibsameera.
 
Daayreektarri olaanaan Waldaa Aksiiyoonii Baabura Itiyoo-Jibuuti Injiinar Xilaahuun Sarakkaa, karooraa misooma waggaa 10 keessatti Ityoophiyaa damee geejjibaa babuuratiin Afriikaa Bahaatti adda duree taasisuuf karoorfamu himaniiru.
 
Waggoottaan kunrnan dhufan keessatti kenniinsa tajaajila hawaasaa fi itti fayyadama teeknooloojii fooyyeessuuf qindoominaan hojjechuuf karoorfamuu daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Geejjiba Federaalaa obbo Abdiisaa Yaadataan dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Geejjibaarraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.