Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Chaayinaan deeggarsa nyaataa ariifachiisaaf waliigaltee Birrii miiliyoona 161 mallatteessan

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Chaayinaan deeggarsa nyaataa ariifachiisaaf waliigaltee Birrii miiliyoona 161 mallatteessaniiru.

Waliigaltechis deeggarsa nyaataa yeroo ariifachiisaaf kan oolu deeggarsa faayinaansii taasisuuf yoo ta’u, kutaalee hawaasaa walitti bu’iinsaa fi balaawwan uumamaaf saaxilaman fayyadaamtoota akka taasisu eerameera.

Wayita waliigaltechaatti marii gaggeeffameen biyyoota lameen gidduutti walta’iinsa diinagdee raawwatamuun abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti bobba’uuf akka fedhii qaban eerameera.

Dabalataan, Chaayinaan Ityoophiyaaf deeggarsa pirojektii daandii baaburaa salphaaf taasiftu cimsitee akka itti fuftu ibsamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Waliigaltecha Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariittaa Sawaasawuu fi Ityoophiyatti Gorsaa Dhimma Diinagdee fi Daldalaa Embaasii Chaayinaa Yaangi Yuhaangi mallatteessaniiru.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.