Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoommani waliigaltee tumsa misoomaa Doolaara biiliyoona 7.1 mallatteessan

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoommani waliigaltee tumsa misoomaa Doolaara biiliyoona 7.1 mallatteessan.
 
Waliigaltichi waggoota shaniif kan yoo ta’u bara Faranjootaa 2020 hanga 2025 kan raawwatamu ta’uu himameera.
 
Waliigalticha Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ityoophiyaatti Itti waammamtuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Soozii mallatteessaniiru.
 
Obbo Ahimad Shidee wayita waliigaltichaa biyyatiitti kan raawwatamu karoora waggaa 10 keessatti dhimmoota misoomaaf kan ooludha jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.