Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Faransaay hariiroo daldalaa fi invastimanii isaanii guddisuuf waliigalan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Faransaay hariiroo daldalaa fi invastimanii isaanii gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf waliigaluu ibsame.

Komishiniin Invastimantii Ityoophiyaafi dhaabbanni Faransaay Meedeef hariiroo daldala fi invastimantii biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf qindoominaan hojjechuuf waliigaluu ibsameera.

Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii obbo Tamasgeen Xilaahuun hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbatichaa Filiippoo Guutoor waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’ataniiru.

Mariisaaniin hariiroo dhaabbilee cimsuun dameewwan garaagaraarratti waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Yeroo dhiyootti jilli dhaabbata Meedeef Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf karoora qabachuu eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.