Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa yeroo itti aanuu waliin qabaatan ilaalchisee marii taasiisan

Finfinnee, Bitootessa 9, 2013 (FBC) – Ityoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa bara Faranjootaa 2021 hanga 2027 waliin qabaatan ilaalchisee sanada qophaa’erratti har’a Ministeera Maallaqaatti marii taasiisaniiru.
Ministeerri Maallaqaa, manneen hojii federaalaa garaagaraa, dhaabbileen miti mootummaa fi jilli Gamtaa Awurooppaa maricharratti hirmaataniiru.
Marichi karoorri misoomaa waggaa 10 Ityoophiyaa fi Imaammanni Misoomaa Gamtaa Awurooppaa wixinee sanadichaa keessatti akka hammataman taasiisuuf kan gaggeeffame ta’uu ibsameera.
Waltajjicha kan dursan Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa aadde Yaasimaan Wahabrabiin deeggarsa gamtichi hanga ammaatti Ityoophiyaaf taasiise galateeffataniiru.
Deeggarsi gamtichi gama damee Fayyaa, jijjiirrama qabeenya qilleensaa, filannoo, bulchiinsa faayinaansii mootummaa fi qonnaan Ityoophiyaaf taasiiseen bu’aa hedduun argamuu ibsaniiru.
Yaadoonni maricharratti ka’an wixinee sanada tumsaa qophaa’u keessatti hammatamuun bara Faranjootaa Caamsaa 2021 dura akka xummuramu waliigalteerra ga’amuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.