Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee deeggarsa faayinaasii Doolaara miiliyoona 14.8 mallatteessan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa waliigaltee giddugalaa makaanaayizeeshinii qonnaaf kan oolu deeggarsa faayinaasii Doolaara miiliyoona 14.8 (Birrii miiliyoona 794) waliif mallatteessaniiru.

Waliigalteen deeggarsichaas oomishaaleen biyyaa keessatti oomishamanis ta’e alarraa galan tajaajilamtoota bira ga’uun dura qulqullinaa isaanii mirkaneessuuf, giddugalaa mirkaneessa qulqullinaa ijaaruun, hanqinaa qullullinaan dhiibba fayyadamtootaa fi diinagdee biyyaarra ga’u hir’isuu fi fuulduratti miidhaa ga’uu hambisuun, guddina hawaasummaa fi diinagdee saffisiisuuf gumaachaa akka qabaatu eeramuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektichi giddugala leenjii, sakatta’aa fi qo’annoo makaanaayizeeshinii hundeessuu, sadarkaa naannootti giddugala oppireeshinii fi suphaa hundeessuun deeggarsa ogummaa kennuu akka ta’ee eerameera.

Giddugalli oppireeshinii fi suphaa Magaalaa Finfinneetti, Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuutti, Naannoo Amaaraa Magaalaa Bureetti, Naannoo Kibbaa Magaalaa Alaabaatti akka hundeeffamu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.