Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Morookoon damechaan walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Morookoon damee buufata doonii, terminaalaa fi loojistiksiin walta’iinsaan hojjechuuf waliigaluun eerame.

Jilli Hoji Gaggeessaa Ityoophiyaa Invastimanti Holdiingii Mihiratuu Maammoo fi Hoji Gaggeessaa Dhaabbata Tajaajila Geejiba Galaanaa fi Loojistiksii Obbo Roobaa Magarsaa fi qondaaltonni biroon Morokootti daawwannaa hojii gaggeessaniiru.

Daawwannichaan sochii hojiilee buufata doonii Morookoo, termninaalaa fi loojistiksii daawwataniiru.

Hogganaa Dhaabbataa Buufata Doonii, Terminaalaa fi Loojistiksii Morookoo Mahidii Taazii Rifii waliinis tajaajilaa fi misooma buufataa doonii akkasumas tajaajila damee loojistiksii Ityoophiyaa guddisuuf waloon hojjechuuf carraalee jiran irratti mari’atamiiru.

Marii isaanii boodas Ityoophiyaa Invastimanti Holdiingiin dhaabbataa gita isaa Morokoo waliin waloon hojjechuuf sanadaa waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltechis, damechaarratti walta’iinsaan hojjechuu fi invastimantiirratti bobba’uu kan haammatu yoo ta’u, terminaalaa fi bufanni meeshaalee goggogaa Qaallittii tajaajilaa guutuu akka kennu sadarkaa isaa guddisuuf waloon hojjechuu fa’aa akka ta’e ragaan Tajaajilaa Geejiba Galaanaa fi Loojistiksiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.