Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Sudaan daddabarsa namaa seeraan alaafi nageenya naannawaa daangaarratti waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Mudde 11, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Sudaan daddabarsa namaa seeraan alaafi nageenya naannawaa daangaarratti waliin hojjechuuf mari’achuu ibsame.

Hoggantoonni olaanoon raayyaa ittisaa biyyoota lameenii Matammaa magaalaa Yohaannisitti wal arguun haala fedhii qaamolee farreen nageenyaa qolachuun danda’amuufi sosochii seeraan alaa waloon to’achuun danda’anirratti mari’achuu eerameera.

Hogganaa olaanaan Attaachii Sudaan Kaartuum Birgaader Jeneraal Abdallaa Mahaammad, marichi shakkiiwwan kanaan dura turan dhabamsiisuun nageenya waaraa akkasumas jijjiirama misoomaa fiduuf walitti dhiyeenyaan mari’achuun biyyoota lameeniif barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ittaanutti adeemsa isaa gamaaggamuun walitti dhiyeenyaan akka hojjennuuf nu gargaara jedhan.

Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRIrraa Birgaadar Jeneraal Eerqaaloo Duukaatoon gamasaaniin, rakkoolee naannawaa daangaatti uumaman waloon furuuf qophii ta’uu eeruun, walitti dhiyeenyaan rakkoolee jiran irratti mari’achuun nageenyaafi misooma biyyoota lameeniif bu’aa guddaa kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa daddabarsa namaafi qabeenyaa  seeraan alaa ittisuuf marichi barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.