Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa Shororkeessummaa waloon ittisuuf waliigalan

Finfinnee, Hagayya 11,2014 (FBC)-  Ityoophiyaafi Sudaan Kibbaa sanada waliigaltee Shororkeessummaa, sochii hidhattootaafi yakkoota qindaa’aa waloon  ittisuu isaan dandeessisu waliif mallatteessan.

Waliigalticha Daayrektar Jeneraalli Taajaajila Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Tamasgeen Xurunahifi  Daayrektar Jeneraalli Biiroo Nageenya Keessaa Sudaan Jeneraal Akoor Koor Kuuk mallatteessuu ibsameera.

Sanada waliigaltichaan dhimmoota qaamolee naannawaa daangaa biyyoota lameeniirratti akkasumas naannawaa gaanfa Afrikaatti nageenya booressuuf socho’an waloon ittisuufi tarkaanfii fudhachuu dandeessisan irratti waliigaluu eerameera.

Dabalataanis dhaabbileen Nageenya Odeeffannoo biyyoota lameenii daddabarsa meeshaalee seeraan alaa, yakkoota qindaa’aa naannawaa daangaatti raawwataman, daddabarsa maallaqa seeraan alaa, daddabarsa baala sammuu namaa hadoochuu, shira dinagdeefi yakkoota teeknooloojii odeeffannoon walqabatan waloon ittisuuf waliigaluu ibsameera.

Waligaltichi michummaa tarsiimawaa biyyoota lameenii cimsuun, dhimmoota Siyaasa, dinagdeefi nageenyaa biyyoota lameenii, gaanfa Afrikaa fi Ardicharratti jijjiiramni yoo jiraate odeeffannoo akka wal jijjiiraniifi waliif qoodaniif kan gargaaru ta’uu ibsi tajaajilicharraa ergame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.