Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan agarsiisa Daldala Indaastirii Idil Addunyaa Raashiyaarratti hirmaatte

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan agarsiisa Daldala Indaastirii Idil Addunyaa Raashiyaa 2023 irratti hirmaachuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Agarsiisichi Oomisha fi Oomishtummaa itti fufiinsa qabu, akkasumas fooyya’iinsa tarsiimoorratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal agrsiisicharratti kan hirmaatan yoo ta’uu, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii bara dheeraa lakkoofsise damee Invastimantii caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Argisiisichi muuxannoo waljijjiirraa hedduu fi dameewwan ijoo ta’an fooyyessuuf qooda qabaachuu Muummeen Ministiraa Raashiyaa Mikaahiin Miishuustiin dubbataniiru.

Kanaanis damee Indaastirii, Teeknooloojii fi kalaqaan hariiroo jiru babal’isuuf qophii ta’uu isaanii eeraniiru.

Argisiisicharratti jilli biyyoota 16 irraa walitti babba’an hirmaachuu ragaan Ministeera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.