Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Birrii 10, 50 fi 100 geeddaruufi

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan maallaqa; Birrii 10, 50 fi 100 guutummaan geeddaruufi.
 
Gosootiin Birrii kanneenis gabaarra kan oolan ta’uun ibsameera.
 
Maallaqni hojiirra oolus Birrii 200 kan dabalatu ta’uu, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanitiin beeksisaniiru.
 
Jijjiirraan maallaqaa kun deeggarsa sochii seeran alaa, malaammaltummaa fi koontiroobaandii ittisuuf ni gargaara jedhameera.
 
Maallaqa haaraarratti mallattooleen kaa’aman maallaqni seeran alaa akka hin maxxanne taasisuufis ni gargaaran eerameera.
 
Maallaqni haaraan gabaarra ooluuuf jiran kunneen meeshaa lakkoofsa guddisee muullisuun yoo ilaalaman lakkoofsi isaanii magariisa floorasantiitti kan jijjiirramu ta’uu Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksiseera.
 
Qarodhabeeyyinis harkaan tuttuquun gatii maallaqichaa adda baasuu ni danda’u.
 
Maallaqichi gadi yookin ol yoo garagalfamu qaanqee halluu ifaa qaba jedheera baankichi.
 
Uurjiin halluu ifaa gaggaragalu kirrii, kirrii keessammoo NBET, barreeffama gabaajee Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa, gosootni Birrichaas irratti barreeffameera.
 
Birrichi kallattii ifaatti garagalfamee yoo ilaalamu fakkii gubbaadhan muullatuun fulduratti mallattoo bifa bishaanii duumessaa’aatu muul’ata.
 
Mallattooleen kubbaa fakkaatan; kallattii mallattoo karaa dudduubatiin jiruun akka muul’atanitti maxxanfame.
 
Mataa mallattoo leencaarratti ifaan altiraavaayoleet yoo irratti ifu gara keellootti kan geeddaramu mallattoo filoorasantii qaba jedhameera.
 
Hojiin maxxansaa hedduun kan xumurame yoo ta’u, kuusaa Baankii Biyyoolessaa Ityoophiyaa keessatti kan argamu ta’uun ibsameera.
 
Raabsuuf qophiin kan taasifame yoo ta’u, qaamolee dhimmi isaan ilaallatuun hojiirra kan oolu ta’a.
 
Koomaand poostiin Raayyaa Ittisa Biyyaa, Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyoolessaa fi Poolisii Federaalaarraa hundaa’e adeemsicha olaantummaan kan gaggeessu ta’a.
 
Mootummoonni naannolees koomaand poostii walfakkaataa hundeessuun hojicha kan hojjetan ta’aan ibsame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.