Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan guddina ummatashee mirkaneessuuf mirga walabummaa qabdi – Sudaan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan guddina ummatashee mirkaneessuuf mirga walabummaa akka qabdu Sudaan ni amanti jedhan ministirri Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Asmaa Mahaammad.
 
Sudaan, Ityoophiyaan mirga Hidha Haaromsaarraa qabdu waggoottan salgan darbanitti kabajdee turuu ministirittiin ibsaniiru.
 
Asmaa Mahaammad turtii Televiizhinii Sudaan waliin taasisaniin akka beeksisanitti, biyyi isaanii mirga walabummaa Ityoophiyaa dhiibdee hin beektu.
 
Ityoophiyaan mirga qabeenya uumamaasheetti fayyadamuu ni kabajnas jedhan.
 
Hidhi Haaromsaa Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti ijaartu elektiriika maddisiisuun fayyadamtummaa lammiilee mirkaneessas jedhan.
 
Hojiin ijaarsichaa sadarkaasaa kan eeggate, adeemsa fayyadamtummaa bishaanii idil addunyaa kan kabajedhas jedhan.
 
Seera idil addunyaatin hogganamuudhan, biyyoonni yaa’a gadaanu keessa jiran osoo hin miidhamin qabeenya bishaanii isaaniitti akka fayyadamuu qaban ni amantis jedhan.
 
Sudaan ijaarsi hidhichaa ega eegalee kaasee ejjennoo cimaa qabattee turteetti kan jedhan ministirittiin, yaa’i bishaanii haqa qabeessi akka jiraatu, lolaan bishaanii akka hin mudanne, ga’een bishaanii Naayilirraa qabdu akka kabajamu hojjechaa turteettin beeksisan.
 
Ijaarsa Hidha Haaromsaarratti fooyyessi taasifame nageenyisaa amansiisaa akka ta’u isa taasisas jedhan.
 
Sadarkaan qulqullinaa fi nageenyummaan ijaarsasaas hidha Gibts Aswaanii fi hidha Sudaan Roozarii caalaa amansiisadhaan ibsan.
 
Bu’uurri dhagaa irratti ijaarrame amansiisummaasaa mirkaneessas jedhan Asmaa Mahaammad.
 
Sudaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitif xalayoota yaada lama qaban galchiteetti.
 
Kanneenis Sudaan hidhicha adda durummaan kan deeggartu ta’uu fi Sudaan mariisistuudha yaadni jedhu akka qulqullaa’u jedhan.
 
Sudaan yaa’icha keessaa ga’ee akkuma qabdu, akkuma Ityoophiyaa fi Gibts dhimmi hidhichaa ishee ilaallata, mariisistuu osoo hin taane abbaa dhimmaati, mari’attuu jedhan.
 
Marii guutinsa bishaaniirratti taasifamuun Sudaan fayyadamtuudhas jedhan.
 
Bishaan Naayil qixaa fi haqa qabeessummaan fayyadamuun seera idil addunyaatis jedhaniiru.
 
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Jallisii Sudaan Dooktar Yaasiir Abbaas gama isaanitiin diizaayiniin Hidha Haaromsaa nageenyisaa amnsiisaa ta’uu muul’isa jedhan.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsaa biyya kamiyyuu bifa hin miinen, fayyadamtummaa lammiilee Ityoophiyaas bifa mirkaneessun akka hojjetamu hojjechaa turreerras jedhan.
 
Ityoophiyaan anniisaa maddisiisturraa waggaatti Doolaara miiliyoona 900 yoo argattu, Gibtsii fi Sudaan ammoo gatii gurgurtaa xiqqaadhan elektiriika bitachuu kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.