Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan mootummaa Chaayinaarraa kan ergameef talaallii vaayrasii koroonaa fudhatte

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Ityoophiyaan mootummaa Chaayinaarraa kan ergameef talaallii vaayrasii koroonaa doozii kuma 300 fudhatteetti.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhiyaaw Zhiyoowaan talaalliicha buufata xiyyaaraa Boolee Idil Addunyaatti argamuun fudhaniiru.

Beejing tumsa Koovaaksiin talaallii vaayrasii koroonaa Doozii kuma 300 erguu ishees Ambaasaaddarichi himaniiru.

Talaallichi kutaa hawaasa barnoota keessaatti argamaniif kan ooluu ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Chaayinaa talaallii guyyaa kaleessaa doozii kuma 300 taasifte dabalatee hanga ammatti Ityoophiyaaf talaallii vaayrasii koroonaa Doozii miiliyoona 1 ol taasifteetti.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.