Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qaamolee dhuunfaa fi Dhaabileewwanii ol – Dooktar Abiy

Finfinnee, Amajjii 22, 2013 (FBC ) – Ityoophiyaan qaamolee dhuunfaa fi Dhaabileewwanii ol biyya guddoodha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Yaadni, hojiinii fi dubbiin keenya guddina ishee kan madaalu osoo ta’ee gaariidha jedhan.
Yoo akkas hin taana maddaalli Ityoophiyaan madaallamnee ni salphanna jedhan.
Ityoophiyaan biyya guddoodha yeroo jennu, lammiilee, hoggantootaa injifannoo boonsaa raawwanne jedhan caalaa guddoodha jechuu keenya.
Hayyoonni kamiiyyuu, dhaabbileen yaada gaariin hundaa’aan hundi, yaannii fi falaasaamni siyaasaa kamiiyyuu Ityoophiyaa gadi jedhan Dooktar Abiy barreeffama Fuula Feesbuukii isaanirratti barreessaniin.
Ityoophiyaan bu’aa wareegama hoggantootaa fi lammiilee ishee baroota dheeraa darbanii ta’uu ibsan.
Ityoophiyaan bu’aa ummaattoota Kaabaa fi kibbaan, Bahaa fi Lixaan qormaata garaagaraan qoramanii wareegama adda addaa kaffalaniiti jechuun ibsaniiru.
Wareegama seenaan hin galmeessine, beeknoonni seenaa fi barreessitoonni hin beekne biyya dafqa, dhiigaa fi lafeen bu’ureeffamtedha jedhan.
Qaamolee dhuunfaan kabaja isheef jecha dhiiga isaanii dhangaasanii, lafee isaanii caccabsuun wareegama kaffaluun biyyattii itti fufsiisuu danda’u, yaa ta’uutii ‘ergan ani du’ee saardoon hin margin’ akkuma jedhamu qaamolee dhuunfaaf jecha biyyi akka diiggamtu yookaa akka hin jiraanne mariif dhiyaannee hin beeknu jedhan barreeffama isaaniin.
Dhalloonni walharkaa fuudhuun Ityoophiyaa itti fufsiisu.
Nutis hojiilee eegalle dhaloota itti aanuuf dabarsuudha.
Hidha Haaromsaa dabalatee Proojektoota murteessoo ta’an hoggantoonni duraanii eegalan ummanni fi mootummaan ijaarsiisuurratti argamu.
Proojektoota daandii, Paarkii Indaastirii, Hidha Jallisii, Proojektoota madda anniisaa ummannii fi mootummaan kanneen darban harkaa fuudhuun itti fufsiisaaniiru jedhan.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.