Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qabeenyashee misoomsuuf mirga guutuu qabdi jedhame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2013 (FBC)- Sudaan Kibbaatti Ambaasaarri Ityoophiyaa Naabiil Maahidii Ministira Ministeera Qabeenyaa Bishaanii fi Jallisii Sudaan Kibbaa Kaamaanawaa Paatiirii Gaatikuut waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Naabiil marii isaaniitin Sudaan Kibbaa fi Ityoophiyaan hariiroo baroota dheeraa qabachuu ibsaniiru.

Yeroo itti aanuutti dameewwan diinagdee fi misoomaarratti caalmaan hariiroosaanii cimsuuf akka hojjetaan Ministirichaaf ibsa taasisaniiru.

Dabalataanis sadarkaa hidhi haaromsaa guddichi Ityoophiyaa irra jiru ibsuun, ijaarsi proojaktichaa wayita xumuramuu Ityoophiyaarra darbe biyyoota ollaaf shooraa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hidhicha waliin walqasiisee adda addummaa biyyoota ya’aa gadii waliin jiru Gamtaa Afrikaan marii sadeeniitin akka furamuu ejjannoo Ityoophiyaan qabdu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Qabeenyaa Bishaanii fi Jallisii Sudaan Kibbaa Kaamaanawaa Paatiirii Gaatikuut gama isaaniitin, Ityoophiyaan shoorrii Sudaan Kibbaaf taasiftee gudda ta’u ibsuu fi hanga ammaattis dameewwan garagaraatin deeggarsa cimaa taasisaa jiraachuuu ibsuun galateeffataniiru.

Hidha Haaromsaa Guddichaan walqabsiisee Ityoophiyaan qabeenyaa ishee misoomsuuf mirga guutuu akka qabdu ibsaniiru.

Akkasumas adda addummaa biyyoota ya’aa gadii waliin qabdu mariin hiikamuu akka qabu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.