Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan  rakkoo garaagaraa keessa darbaa jiraattus hojiin biyyaa fi uummataaf bu’aa buusu hedduun hojjetamaa jira-Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan  rakkoo garaagaraa keessa darbaa jiraattus hojiin biyyaa fi uummataaf bu’aa buusu hedduun hojjetamaa jiraachuu Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan ibsan.

Caffeen Oromiyaa raawwii hojii bara 2014 Af-Yaa’iiwwan Manneen Maree Aanaalee fi Magaalotaa qorataa jira.

Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahimaan haasawaa taasisaniin, biyyattiin rakkoo garaagaraa keessa darbaa jiraattus hojiin biyyaa fi uummataaf bu’aa buusu hedduun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii gama hawaas-diinagdee fi Siyaasaan hojjetamaa jiru fiixaan baasuuf, to’annaa fi hordoffiin manneen maree sadarkaan jiranii murtteessaa ta’uu kaasaniiru.

Waltajjii kanaan hojii hawaasa bakka nu buufateef hojjechaa jirru keessatti, ciminaa fi hanqina  qorannee adda baasuun, hanqina mul’ate furuuf xiyyeeffannoo ni hojjetama jedhaniiru.

Waltajjii kanarrattis Fooramiin Af-Yaa’iiwwan Godinaalee Oromiyaa raawwii hojii isaanii dhiyeessuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.