Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Riipabliika Diimookraatawaa Koongootti irra deebiin Imbaasii banuuf karoorfachuu preezdaant Saahilawarq ibsan

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Riipabliika Diimookraatawaa Koongootti irra deebiin yeroo dhiyootti Imbaasii banuuf karoorfachuu Preezaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.

Preezdaant Saahilawarq preezdaantii Riipabliika Diimookraatawaa Koongoo Feeliiks Shiiseekeedii waliin masaraa biyyaalessaa Kiinshaasaatti erga mari’atanii booda miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan yeroo dhiyootti Riipabliika Diimookraatawaa Koongootti irra deebiin Imbaasii ni banti jedhan.

Preezdaantii Riipabliika Diimookraatawaa Koongoo yeroo dhiyootti dura taa’ummaa Gamtaa Afrikaa fudhatan Feeliiks Shiiseekeed ergamni isaanii akka milkaa’uu mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa kan taasiisu ta’uu preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.

Preezdaantoonni lameen hariiroo Finfinnee fi Kiinshaasaa gidduu jiru haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Hariiroo waloo, naannichaa fi Ardichaarrattis yaada wal jijjiiraniiru.

Preezdaant Saahilawarq daawwannaa Taanzaaniyaa erga Xumuranii gara Riipabliika Diimookraatawaa Koongootti imaluun isaanii kan yaadatamuudha.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.