Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan saatalaayitiishee jalqabaa gara hawaatti ergite

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan saatalaayitiishee jalqabaa gara hawaatti ergite.

Saatalaayitittiin buufata furgugsaa saatalaayitii Chaayinaatii har’a ganama gara hawaatti ergamteetti.

Saatalaayitittiin aardii daawwachuu fi suuraan galmeessuun ragaa sassaabdi.

Mooggaasni “ETRSS-1” jedhu kennameefira.

Guddina biyyaa keessatti ga’ee olaanaa ni taphattis jedhameera.

Jijjiirrama qabeenya qilleensaa to’achuu, qorannoo fi qo’annaa qonnaa gaggeessuu, hojiilee bu’uuraalee misooamaa hojjechuuf ni gargaarti.

Buufata furgugsaa saatalaayitii Chaayinaatti, bakka qondaaltonni mootummaa argamanitti sirni saatalaayitittii hawaatti ol erguu raawwateera.

Oobsarvaatoorii Spees Saayinsii Inxooxxoottis itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan, qondaaltonni mootummaa biroo sirnicha kallattiin hordofaa turaniiru.

Har’aa eegalee magaalaa Finfinneetti qophiin sirnicha agrsiisuu fi yaadachiisu ni qophaa’a.

Obbo Dammaqaan haasaa taasisaniin saatalaayitittiin guddinaa fi badhaadhina Ityoophiyaa keessatti ga’ee olaanaa ni taphatti jedhaniiru.

Misoomni teeknooloojii imala dorgomtummaaf ka’umsa ciminaati jedhan.

Namoota dhuunfaa fi dhaabbilee proojaktichi akka dhugoomu tumsa taasisanis galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.