Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan tokkummaa biyyaa eeguuf kutannoodhaan tarkaanfii fudhatte – Muusaa Faakii Mahammat

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (FBC) -Mootummaan Ityoophiyaa nagaa fi tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf jecha kutannoodhaan tarkaanfii fudhachuushee dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa faakii Mahammat himan.
Qondaalli kun kana kan dubbatan yaa’ii ariifachiisaa 38ffaa hariiroo Misoomaa Biyyoota Baha Afriikaa (IGAD) guyyaa Dilbataa Jibuutiitti taa’amerratti.
Dureen Komishinii Gamtaa Afriikaa kun dabaluun waan dubbatan, tarkaanfiin mootummaan federaalaa Itoophiyaa fudhate heera mootummaa biyyattii balaarraa baraaruuf jedhan.
Kun dirqama seeraa biyyoota hundarraayyuu eegamuudhas jedhan.
Goolama siyaasaa naannoo Tigraayitti mudate booda lammiileen qe’eerraa buqqa’aniiru kan jedhan Muusaa Faakii Mahammat, gama kanaan IGAD kanneen baqatanii fi qe’eerraa buqqa’an dandamachiisuuf jecha deggersa namoomaa Ityoophiyaan taasiftu cinaa akka dhaabbatu dhaaman.
Yaa’ii guyyaa tokkoof taa’ame kanarratti kan hirmaatan miseensonni IGAD gamasaaniitiin mootummaa Ityoophiyaa akka deggeran ibsaniiru.
Yaa’ii kanaan booda Muummee Ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti, hooggantoonni biyyoota miseensa IGAD ‘tarkaanfii seera kabachiisuu fudhatame” hubachuu isaaniitiif galateeffataniiru.
”Hooggantoonni biyyoota miseensota ‘IGAD’ seera qabeessummaa hojii seera kabachiisuu keenya hubatanii beekamtii kennuusaaniifi, akkasumas Ityoophiyaa deeggaruuf kutannoosaanii waan ibsaniif galata guddaan dhiyeessa,” jedhan.
Maddi:- BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.