Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan walga’iiwwan diinagdee sadarkaa Afrikaatti gaggeeffamaa jiran irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Ityoophiyaan Walga’ii Diinagdee Dhaabbilee Naannawaa Afrikaa 7ffaafi Gamtaa Afrikaatti Siimpooziyeemii Diinagdee Addaa 5ffaa Naayijeeriyaa magaalaa Abujaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.

Simpooziyeemicharratti ce’umsa damee indaastirii saffisiisuuniifi diinagdee cimaa ijaaruun akkasumas fooyya’iinsa imaammata misooma magariisaa guddisuun gahee diinagdee naannawaarratti qaburratti mari’atameera.

Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Daani’eel Tarreessaan, bu’aa Ityoophiyaan damee misooma indaastiriirratti  galmeesiste, gahee inni naannawicharratti qabuufi jijjiirama imaammataarratti ibsa taasisaniiru.

Muuxannoo Ityoophiyaan Carraa hojii uumuu, guddina daldala alaa, ce’umsa ogummaafi teekinooloojii akkasumas walitti hidhamiinsa naannawaarratti qabdu qoodaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.