Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni 333 Liibaanoos; Beeruutii gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni 333 marsaa jalqabaatin Liibaanoos; Beeruutii gara biyyaa deebi’an.
 
Lammiileen Ityoophiyaa kanneen biyyattiitti haala rakkisaa keessa kan turanidha.
 
Ministeerri Dhimma Alaa FDRI fi Ministeerri Nageenyaa qindoominaan hojjechuun lammiileen kanneen gara biyyaa akka deebi’an taasifameera.
 
Ityoophiyaattis tursa addaa keessa kan turan ta’a.
 
Guyyoottan itti aananittis lammiileen Ityoophiyaa biyyoota Arabaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa kan deebifaman ta’a.
 
Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI aadde Tsiyoon Takluu, ministir deettaan Ministeera Nageenyaa aadde Firee’aalam Shibaabbaaw, ministir deettaan Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa aadde Ayyalach Isheetee, daayreektarri olaantuu Eejansii Diyaaspooraa aadde Salaamaawiit Daawitii fi hoggansi biroon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun simannaa taasisaniifiru.
 
Sanbata dhuftu lammiileen 320 Liibaanoosii gara biyyaa kan deebi’an ta’a.
 
Caamsaa 13,2012 lammiileen 57 Emmireetota Arabaa Gamtoomanii gara biyyaa fedhiidhan deebi’uun isaanii ni yaadatama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.