Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni Chaayinaa bulchiinsa Huubeeyitti baratan, vaayrasii koroonaaf hin saaxilamne jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanonni Chaayinaa bulchiinsa Huubeeyitti baratan, vaayrasii koroonaaf hin saaxilamne jedhame.
 
Ityoophiyaanonni 311 Chaayinaa bulchiinsa Huubeeyitti dhaabbilee barnootaa argaman 24tti barnoota isaaanii hordofaa jiru.
 
Ityoophiyaatti Imbaasiin Chaayinaa ibsa baasen akka beeksisetti, barattoonni yuunvarsiitii bulchiinsa Wuhaanii fi magaalota kaanitti barnoota isaanii hordofaa jiran vaayrasichaaf hin saaxilamne.
 
Barattoonni boqannaaf gara Ityoophiyaa dhufan yuunvarsiitota isaanii waliin qunnamtii akka itti fufan dhaamera.
 
Yaata’uutii odeeffannoo dabalataa amma ifoomsutti gara yuunvarsiitii akka hin deebine akeekera.
 
Barattoota biyyattiitti argamaniif maaskii fi deeggarsi biroon taasifamaafii jira jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.