Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanoonni 90 Libaanoosii deebi’an

Finfinnee, Hagayya 26, 2012 (FBC) – Ityoophiyaanoota 90 Libaanoos turan gara biyyaa deebiisuu Libaanoosiitti Waajjiiri Qoonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Namoota mana hidhaa 2 keessa turan 18 dabalatee waliigala Ityoophiyaanoonni 90 gara biyyaa deebi’uu Qoonsilichi ifoomseera.
 
Manneen murtii fi manneen sirreessaa waliin dubbachuun Ityoophiyaanoota mana hidhaa keessa turan 19 keessaa 18 hiiksisuun gara biyyaa akka deebi’an taasifameera jedhame.
 
Ityoophiyaanoota marsaa 8ffaaf gara biyyaa deebi’uuf galmaa’an keessaa namoota 71f sanada imalaa qopheessuun Immiigreeshinii Libaanoosii Viizaa ba’iinsaa akka argatan taasisuun gara biyyaa deebisuun danda’ameera.
 
Dubartiin Hospitaalaatti yaalarra turte tokko deeggarsa qoonsilichaan gara Ityoophiyaatti deebiteerti.
 
Waliigala guyyaa har’aa Ityoophiyaanoonni 90 gara biyya isaanii akka deebi’an taasisuu waajjirichi beeksiseera.
 
Hunda isaaniif qorannoo vaayrasii koroonaa taasisuun bilisa ta’uun mirkanaa’eera jedhame.
 
Dabalataan ha’aa eegalee guyyoota itti aanitti lammiilee 155 gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Libaanoosiitti Waajjiira Qoonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaa argame ni muul’isa.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.