Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti dabalataan namoonni 485 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 5, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetiin namoonni dabalataa 485 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
Sa’aa 24 kaleessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 9256 hojjetameen, namoota 485 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 9 yoo ta’an, waliigala lubbuun namoota 1022 darbeera.
Haaraan kan dandamata 350 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 25,333.
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 64,786 qaqqabeera.
Namoonni 307 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
Yeroo amma vaayrasichi namoota 38,429 irratti argama.
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii miiliyoona 1fi kuma dhibba 1 fi kuma 47 fi 268 gaggeeffameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.