Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti giddugala Saatalaayitii ijaaruuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti giddugala Saatalaayitii ijaaruuf waliigalteen mallattaa’e.
 
Waliigalticha Inistiityuutii Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Ityoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti walii mallatteessaniiru.
 
Ijaarramuun gidduugalichi qorannaa fi qoo’annoo biyyattiin humna isheen taasiftu caalmaatti kan deeggaru ta’uu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
 
Ijaarsi giddugalichaa hoggansa waloon ni dhugooma jedhaniiru.
 
Proojaktiin kun walta’iinsa mana hojii lamaaniin kan raawwatamu ta’uu Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Proofeesar Hiruut Waldamaariyaam himaniiru.
 
Giddugalichi qorannoo waloo gaggeessuuf, muuxxannoo barnootaa qabatamaa argachuu fi qorannoo guddina biyyaaf oolchuuf tumsaan hojjechuuf kan gargaaruudha jedhan.
 
Proojaktichi deeggarsa maallaqaa Gamtaa Awurooppaa fi walta’iinsa mootummaa Ityoophiyaan kan ijaarramu ta’u ibsameera.
 
Ijaarsi isaa Yuuroo miiliyoona 50 kan gaafatu yoo ta’uu, bara baajataa 2013 keessa kan eegalamu ta’uu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.