Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti guyyoota 7n darbanitti namoota samuudaa laatan keessaa % 13 irratti Vaayrasiin Koroonaa argame

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) – Gurraandhala 11- 17, 2013 namoota dhuunfaa samuudaa laatan keessaa % 13 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beekseise.
Guyyoota torban darban keessa lubbuun namoota 79 darbeera.
Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa haalaan dabalaa jiraachuu Inistiityuutichi beeksiseera.
Guyyoota 7n darbanitti namoota samuudaa laataan kuma 47 fi 204 keessaa namoonni kumni 5 fi 927 vaayrasichaan qabamuu ibsameera.
Lakkoofsi dhukkubsattoo gara yaala wallaansa cimaa keessa galiin hammaa ol dabalaa jiraachuus eerameera.
Hanga guyyaa kaleessatti namoonni 386 wallaansa cimaa keessa jiraachuu himameera.
Hawaasni fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu haqa jiru hubachuun of eeggannoo cimaa taasiisuu akka qaban Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa hubachiiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.