Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban kuma 1 ol ta’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban kuma 1 ol ta’e.
 
Gabaasa sa’aa 24tin qorannaan samuudaa namoota 7162 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 413 irratti vaayrasichi argameera.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 64301 qaqqabeera.
 
Gabaasa sa’aa 24 kanaan lubbuun namoota 17 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Haaluma kanaan lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 1013 qaqqabeera.
 
Gabaasichaan akka ibsametti namoonni 490 dandamataniiru.
 
Waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 24,983 qaqqabuun ibsameera.
 
Namoota 38303 irratti vaayrasichi kan argamu yoo ta’u, 342 tursa yaala addaa keessa jiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.