Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti nageenyi mirkanaa’uun ittigaafatamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu akka ba’attu ishee dandeessisa- biyyoota garaagaraa

Finfinnee, Amajjii 5, 2015 (FBC)- Waliigalteen Piriitooriyaa nageenyi Ityoophiyaatti mirkanaa’ee ittigaafatamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu akka ba’attu kan ishee dandeessisu ta’uu biyyoonni Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa garaagaraa ibsan.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam haala yeroo biyyaalessaafi idil addunyaarratti guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Ibsasaaniin, biyyoonni Afrikaa, Eeshiyaafi Awurooppaa waliigalteen Piriitooriyaa nageenyi Ityoophiyaa mirkanaa’ee itti gaafatamummaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu akka ba’attu ishee dandeessisa jechuun ibsuu kaasaniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota torbaa wayita xalayaa muudamaasaanii Pireezidaant Saahilawarq Zawudeetti kennan, waliigalteen nageenyaa mallatteeffame Ityoophiyaaf nageenya waaraa kan fiduufi ittigaafatamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil addunyaarratti qabdu akka ba’attu kan ishee dandeessisu ta’uu eeruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Chiin Gaang, daawwannaa alaa isaanii jalqabaa Ityoophiyaarraa eegaluun xiyyeeffannoo addaa Chaayinaan Ityoophiyaaf kennitu kan mul’isu ta’uu Ambaasaaddar Mallas addeessaniiru.

Dhimma daawwannaa Ministiroota Dhimma Alaa Faransaayiifi Jarman ilaalchisee  ibsa laataniin, waggoota Ityoophiyaan rakkoo keessa dabarte dabalatee deeggarsi misoomaa biyyoonni lameen taasisan osoo addaan hin citiin itti fufuu argisiisa jedhan.

Hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaaf deeggarsi taasisan cimee kan itti fufu ta’uu ministiroonni biyyoota lameenii mirkaneessuu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.