Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 584 vaayrasii koroonaa yoo qabaman, lubbuun namoota 20 darbeera

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) –Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeen namoonni dabalataa 584 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 20 darbeera.
Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 11,881 hojjetameen namoonni 584 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Namoonni 20 ammoo lubbuun darbaniiru.
Namoonni haaraan 285 yoo dandamatan, waliigala namoonni 10,696 dandamataniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan 24,175 ga’eera.
 
Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 13,037 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.
 
Namoonni 190 wallaansa cimaa keessatti argamu.
Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 440 qaqqabeera.
 
Hanga ammaatti namoota 520,891 f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.