Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 712 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 712 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 7,121 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 712 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 86,430 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 858 dandamachuun ibsameera.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 40,165 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,312 qaqqabeera.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 70 fi 95 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.