Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasi Koroonaa (COVID -19 ) qabaman 12 ga’e

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasi Koroonaa (COVID -19 ) qabaman 12 ga’e.

Biyya keenyaatti Bitootessa 3, 2012 namni jalqaba vaayrasicha qabame erga argame as namni vaayrasichaan qabame 1 argameera.

Waliigalaan namoonni vaayrasichaan qabaman 12 ga’eera.
Dhukkubsataan kun lammii Ityoophiyaa umurii 34 yoo ta’u, Dubaay irraa gara biyyatti Bitooteessa 10, 2012 kan galedha.

Nama kanarratti mallattoon dhukkubichaa argamuun Bitooteessa 13, 2012 gara Buufata Fayyaa kan deeme yyo ta’u, dhaabbatichi Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaaf eeruu laachuun qorannoo labiraatoorii taasifameen vaayrasiichaan qabamuun mirkanaa’eera.

Namoonni 15 dhukkubsaticha waliin hariiroo qaban hordoffiirratti argamu jechuun Ministirri Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.