Fana: At a Speed of Life!

Jeneraal Birhaanuu Juulaa adda waraanaa Walloo Kibbaatti hoggantootaa fi raayyaa ittisa biyyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Eetaamaajooriin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Birhaanuu Juulaan adda waraanaa Walloo Kibbaatti argamuun hoggantootaa fi raayyaa ittisa biyyaa waliin mari’ataniiru.

Turti  isaaniin raayyaan ittisa biyyaa injifannoowwan galmeessiseerratti mar’ataniiru.

Marichaan Ityoophiyaa diiguuf diinoota biyyaa keessaa fi alaa waliin hojjechaa kan jiru garee shororkeessaa ABUT barbadeessuuf hanga ammatti injifannoo jiru dabaluuf ciminaan hojjetamuu akka qabu Jeneraal Birhanuun himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf tattaaffii taasisuu kayyoosaa galmaan ga’uu hin danda’uu jedhaniiru.

Jeneraal Birhanuun gareen gootichaa raayyaa ittisa biyyaatin barbadeeffamaa jiraachuus himaniiru.

Injifannoo raayyaa ittisa biyyaa galmeessisaa jiruufis galateeffataniiru.

Hirmaattooni marichaa akka himaniitti, raayyaa ittisa biyyaa yeroo ammaa kana ejjennoo guutuurra jiraachuu mirkaneessuu ragaan ministeera raayyaa ittisa biyyaarra ragmee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.