Fana: At a Speed of Life!

Jibutiitti rakkoo lammiilee Sanada malee jiraatanii furuuf bifa addaan hojjetama jedhame

Finfinnee, Ebla 8, 2016 (FBC) – Jibutiitti Rakkoo lammiilee Sanada malee jiraatanii furuuf bifa addaan kan hojjetamu ta’uu Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa beeksise.
Rakkoo lammiilee kanneenii furuu fi tumsa to’annoo keellaa Daangaa cimsuuf bifa addaan kan hojetamu ta’uu himeera.
Jilli Daayrektara Olaantuu Tajaajilichaa Salamaawiit Daawwitiin durfamu rakkoo lammiilee Itiyoophiyaa sanada malee jiraatanii furuuf qaamolee garaagaraa waliin mari’ateera.
Jilichi Jibutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayyee, Jibutiitti hogganaa Dhaabbata Gondaantoota Idil Addunyaa Taaniyaa Paassifikoo, Itiyoophiyaanoota Jibuutii jiraatanii fi qaamolee dhimmi ilaallatu hunda waliin haala rakkicha furuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessa taasiisuu ibsameera.
Jibutiin karra daddabarsa Godaantootaa ta’uu ishee hordofee rakkoo lammiileerra qaqqabu ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu Jibutiittii Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Birhaanuu Tsaggaayeen ibsaniiru.
Hojiin to’aannoo Naannawaa Daangaatti taasiifamu cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Mariin taasiifame haala jiru to’achuuf qooda olaanaa qabaachuu Daayrektarri Olaantuun Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Salamaawiit Daawwit himaniiru.
Jilli kun lammiilee Itiyoophiyaa Jibutiitti bakka tursa yeroo keessatti argaman daawwachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.