Fana: At a Speed of Life!

Jibuutiitti Bidiruun dhidhimuun lubbuun godaantota 34 darbuu ibsame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Jibuutiitti Bidiruun dhidhimuun lubbuun godaantota 34 darbuu Dhaabbanni Godaantoota Idil-Addunyaa ibse.
Qarqara galaana Jibuutiitti Bidiruun dhidhimuu yoo xiqqaate namoonni 34 du’usaanii Dhaabbanni Godaantoota Idil-Addunyaa (IOM) himeera.
Bidiruu namoota walitti bu’insa Yeeman baqataa turan 60 feetee gara Jabuutiitti imalaa turterra balaan kun muudachuu ibsameera.
Bidiuun kun sababii maaliitiin akka dhidhimte wanti beekkame jiru jedhameera.
Dhaabbatichi imala balaafamaa dargaggoonni Afrikaa hojii barbaachaaf jecha Gaanfa Afrikaa irraa gara Biyyoota Galoo Galaanaatti taasisan isa yaaddessuu himeera.
Baatii darbes, erga namoonni seeraan ala nama dadabarsan qarqara galaana Jibuutiitti namoota 80 humnaan bidiruurraa galaanaatti darbatanii booda yoo xiqqaate godaantoonni 20 du’anii ture.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.