Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormiin dhaabbilee nageenyarratti gaggeeffame bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Jijjiirama biyyaalessaa hordofee riifoormiin dhaabbilee nageenyarratti gaggeeffame bu’aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu Itti gaafatamaan Qajeelcha olaanaa Leenjii Gamtaa Raayyaa Ittisaa Leetanaal Jeneraal Yimar Makonniin ibsaniiru.
‘Hanqinaa fi carraa gaarii Jijjiirama qaamolee nageenyaa fi hariiroo loltummaa siiviili’ jedhuun mariin paanaalii gaggeeffameera.
Marii kanarratti jeneraaloonni, hoggantoonni nageenyaa naannolee fi federaalaa, dhaabbileen barnootaa olaanoo fi hoggantoonni Raayyaa Ittisaa duraanii argamaniiru jedhame.
Jijjiirama Ityoophiyaan eegalte hordofee Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa gaggeeffamuu Leetanaal Jeneraal Yirmar Makonniin ibsaniiru.
Haala sodaa nageenyaa fi Tasgabbii waqataawaa biyyattii tilmaama keessa galchuun hojiin jijjiiramaa raawwatamuu himaniiru.
Leenjii fi gurmaa’iinsaan dhaabbileen nageenya cimoo akka ta’an taasiifamuu ibsaniiru.
Duula olaantummaa keessatti injifannoon galmaa’e bu’aa hojii riifoormii ta’uu eeraniiru.
Dhaabbileen nageenyaa hundi loogii siyaasaarraa bilisa ta’uun nageenyaa fi tasgabbii Ityoophiyaaf hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.