Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramaa as sektaroonni ijoo xiyyeeffannoo addaa barbaadan adda bahuun riifoormii keessaa darbaa jiru – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Jijjiiramaa as sektaroonni ijoo xiyyeeffannoo addaa barbaadan adda bahuun riifoormii keessaa darbaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Bu’aa kanaan, omishti dabalaa, dandeettiin galii maddisiisuu dinagdee keenyaa guddachaa jira jedhan.
Guutuun ibsa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Itti fufiinsa guddina argamaa jiruu mirkaneessuuf, sektaroonni gahee deeggarsaa taphatanis riifoormii keessa darbuu qabu. Kanneen keessaa sektarri daldalaa isa tokko yoota’u, gahee kana bahuu keessatti riifoormiin sirna too’annoo daldalaa murteessaa ta’a.

Galmi sirna daldala mootummaa keenyaa afuri: haqa-qabeessummaa, ammayyummaa, dorgommii daldalaafi, walitti hidhamiinsa gabaa mirkaneessuu. Gama biraatiin, sirni daldalaa keenya amala laamshessoo laman qoramaa jira: boodatti hafummaafi daldala seeraan alaafi kontiroobaandii. Gama tokkoon, jijjiiramni muldhachuu jalqabe kun akka itti fufu, gama biraatiin galmi sirna daldalaa keenya akka milkaa’u, amaloota laamshessoo kanneen yeroo gabaabaa keessatti too’achuun dirqama ta’a.

1. Sirnaafi Too’annoo Daldalaa
Sirna too’annoo hojiirra ture, gahee sektarri daldalaa cehumsa dinagdee keessatti qabu waliin walbira qabamee yemmuu madaalamu, gadi bu’aa ture. Hin sirnoomne ture. Bu’uuruma kanaan, gama galmeefi heeyyama daldalaa, labsiiwwan, dambiifi qajeeltoo, too’annoo daldala seeran alaafi too’annoo koontiroobaandiitiin tarkaanfiileen fooyya’iinsaafi sirreeffamaa waan boruuf hin jedhamne turan.

1.1. Galmeefi Heeyyama Daldalaa
Sirna daldalaa keessatti, dhimmi ijoon tokko tajaajila galmeefi heeyyama daldalaa ammayyeessuufi salphisuudha. Bu’uuruma kanaan, sirna kenna tajaajila galmeessaafi kenna heyyama daldalaa qaama ‘dijiitaalaayizeeshinii Oromiyaa’ taasisuun teeknoolojiidhaan deeggaruun babaldhachaa jira. Fkn, siistama ‘OTRLS’ ykn ‘e-trade’ hojiirra oolchuun, kurmaana 1ffaa bara baajataa 2016 keessa qofa, galmee daldaltoota haaraa 36,652, heyyama haaraa 41,967 akkasumas haaromsa heyyama daldalaa 168,995, idduma maamiltoonni jiranitti ‘e-trade’n raawwateera. Kunis gama tokkoon qisaasama humna namaa, yeroofi qabeenyaa kan hambisu yoota’u, gama biraatiin, loogiifi malaammaltuummaa gama kanaan muudachuu danda’u kan hirdhisuudha.

1.2. Labsiiwwan, Dambiifi Qajeeltoo
Sirni daldalaa keenya gama labsii, dambiifi, qajeeltootiinis rakkoo hedduu keessaa ture. Hojii rakkoolee gama kanaan jiran adda baasuuf raawwatameen bara 2013 irraa eegalee labsiiwwan, dambiiwwan akkasumas qajeeltowwan haaraa baasuufi hanqina qaban fooyyessuun itti fufeera. Muraasa akka fakkeenyaatti haa kaafnu. Bara 2013, sirna daldalaa omishaalee qonnaa fooyyessuuf, labsiin Sirna Gabaafi Too’annoo Qulqullina Omishaalee Qonnaa, lakk. 234/2013 bahee hojiitti galeera. Akkaataa dhuma labsichi gosa omishaatiin danbiin akka bahu kaa’utti, dambiin Sirna Gabaafi Too’annoo Qulqullina Omisha Aannaniifi Bu’aa Aannanii, lakk. 211/2013 baheera. Bara 2014, qajeelfamni raawwachiisaa lakk. 07/2014 kaa’ameera. Dabalataaniis, Dambii Sirna Gabaa Omisha Jimaa, lakk. 224/2014, fi qajeelfamni raawwachiisaa lakk. 10/2014, akkasumas Dambii Too’annoo Sirna Gabaafi Qulqullina Omisha Kuduraafi Muduraa bahaniiruu. Raawwiin kun jalqabbii jiru agarsiisurra kan darbuu miti.

1.3. Too’annoo Daldala Seeran Alaa
Al-seerummaan sirna daldalaa keessaatti muldhatu qormaata guddaa dinagdee biyyaafi naannoo keenyaati. Rakkoon kun yeroo dheeraaf sirreeffama saayinsaawaa osoo hin argatiin tureera. Bara 2015’tti, gama tokkoon karoorri too’annoo qindaawaa kan qophaa’e yoota’u, gama biraatiin caasaan ittisa daldala seeran alaa naannoodha hanga gandaa gahu ijaarameera. Haaluma kanaan, kurmaana bara kanaa keessatti qofa, dhaabbiilee daldalaa 354,001 irratti too’annoo gaggeessuun danda’ameera. Kanneen keessaa dhaabbileen daldalaa 58,812 ykn %17 ta’an daldala seeraan alaa irratti bobba’uun argamaniiru. Haaluma kanaan, dhaabbilee daldalaa 58,499 irratti tarkaanfiin bulchiinsaafi seeraa fudhatameera.

1.4. Too’annoo Koontiroobaandii
Koontiroobaandii karaa laman biyyaafi ummata keenya miidhaa jiraachuudha. Gama tokkoon omishaalee al-ergii seeraan ala gara biyya alaatti baasuun biyyi sharafa alaa argachuu qabdu akka hin arganne taasisuun dinagdee biyyaa kan dadhabsiisu yoota’u, gama biraan omishaalee adda addaa karaa seeraan alaa biyya alaarraa galchuun warshaalee biyya keessaafi investimantii akkasumas daldaltoota seera qabeessa dadhabsiisuun dinagdee biyyaa miidha.

Misooma dinagdee qabatamaa mirkaneessuuf rakkoo kana maqsuun dirqama. Bu’uuruma kanaan bara 2015 irraa eegalee, “taskforce” ittisaafi too’annoo koontiroobaandii ijaaruu, akkasumas karoorra isaa qopheessuun tarkaanfiilee qindaawoo fudhachuutti galleerra. Fkn, too’annoo bara 2015 gaggeeffameen, omisha qonnaafi industirii seeran ala koontiroobaandiin socho’aa tureefi tilmaama birrii bil. 1.1 qabu too’achuun danda’ameera. Raawwiin kun gama tokkoon daldallii seeraan alaafi koontiroobaandiin hagam akka babaldhate kan agarsiisu yoota’u, gama biraatiin ammoo too’annoon taasifamu jabaachaa dhufuu kan agarsiisuudha.

2. Guduunfaa
Daldalli sektaroota ijoo imala badhaadhinaa akka milkeessan adda bahan utubuu keessatti gahee olaanaa qaba. Mootummaan keenyas, riifoormiin gahee sektarichaa kana madaalu dirqama ta’uu hubatee hojiitti galeera. Haaluma kanaan, tajaajila sektarichaa salphisuu/teeknoolojiin deeggaruu, labsii, qajeeltoofi hojmaata barbaachisu baasuufi fooyyessuu, sirna too’annoo daldala seeran alaafi koontiroobaandii diriirsuu itti fufee jira.

Jalqabbiin kun akka fiixan bahu qindoominni caasaa sadarkaan jiruufi hawaasaa murteessaadha. Keessumaa taaksifoorsiin ittisaafi too’annoo daldala seeraan alaafi koontiroobaandii ijaarame, qindoominaan socho’ee, hubannoo hawaasaa cimsuu, too’annoo cimaa gaggeessuufi al-seerummaa daldala keessatti babaldhachaa dhufe hirdhisuu qaba. Hawaasni keenyas miidhaa daldala seeraan alaafi koontiroobaandiin gahu hubatee mootummaafi caasaa sadarkaan jiru cina hiriiree jalqabbii kana deeggaruun dirqama lammummaa isaa akka bahu waamicha dhiyeessufiin barbaada.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.