Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirramaa fi guddina ariifataa Afrikaa mirkaneessuuf dargaggootaaf carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- obbo Dammaqaa

Finfinnee, Amajjii 13, 2012 (FBC) – Jijjiirramaa fi guddina ariifataa aardii Afrikaa mirkaneessuuf dargaggootaaf carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu itti aanaan muummee ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonni hubachiisaniiru.

Bara Faranjootaa 2025tti damee hirmaannaa dargaggootaa guddisuuf ‘Giluun Plaatfoormiin’ hundeeffamuun ibsameera.

Waltajjicha irratti kan argaman itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaaqaa Makoonniin, guddina aardichaa ariifachuuf dargaggootaaf carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaatti bara baraan dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuuf mootummaan xiyyeeffaannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Plaatfoormiin guddina Afrikaa yeroo kaa’ameef keessatti galma akka ga’uuf muuxxannoowwan bu’aa qabeessa ta’an waljijjiiruuf waltajjiin uummamuu qaba jedhaniiru.

Fooramiin diinagdee addunyaa boqonnaa Afrikaa baatii Fulbaanaa bara Farnjootaa eegalle kana keessa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Fooramiin kunis muuxxannoo waljijjiiruuf carraa gaarii ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa agame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.