Fana: At a Speed of Life!

Jilli aadde Caaltuu Saaniin durfamu magaalaa Adaamaatti Proojektoota misoomaa daawwwataa jira

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Jilli itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu Kilaastara Magaalota naannoo Oromiyaaa, Aadde Caaltuu Saaniin durfamu Magaalaa Adaamaatti proojektoota ijaarsa irra jiranii fi xumuramuun tajaajilaaf eegalan daawwachaa jira.
Daawwannaa kanarrattis Aadde Caaltuu Saanii dabalate hoggantootaa biiroolee naannoo Oromiyaa fi Kaantiboonni Bulchiinsa magaalota Oromiyaa garaagaraa argamaniiru.
Akka OBN gabaaseetti jilichi Waajjira Kaantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa eebbisisuun jijjiirama seektaraalee magaalaa Adaamaa tajaajila hawaasa bifa Teeknooloojiin deeggaramuun tajaajila garaagaraa kennaa jiran daawwachaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.