Fana: At a Speed of Life!

Jilli abbootii qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa Jigjigaa gale

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Jilli abbaa qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa Sheehi Hamzaan durfamu magaalaa Jigjigaa galeera.

 

Jilichi wayita buufata xiyyaaraa Wiil Waal Garaad ga’u itti gaafatamaan waajjira Preezdaantii bulchiinsa naannoo Soomaalee obbo Hasan Mahaammadii fi hoggantoota olaanoo naannichaan simannaan taasiifameefira.

 

Abbootiin qabeenyaa kunneen naannichatti hojii damee  Invastimantiirratti hirmaachuuf gara sana imaluu ibsameera.

Dameewwan ijaarsa manneenii, Soolaarii aduun hojjetu  walitti hidhuu fi  konkolaattoota walitti hidhuurratti ni bobba’u jedhame.

Itti aanaa Preezdaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammad waliin wal arguun dhimma invastimantii naannichaarratti mari’ataniiru.

Hojii Invastimantii jilli kun naannicha keessatti raawwatuuf mootummaa fi ummanni naannichaa deeggarsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu obbo Musxafeen mirkaneessaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kunneen Dagahaleetti argamuun Kaamaanii Foon al ergiirratti hojjetaa tura daawwachuu ragaan dhaabbata Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.